Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Lallabaa 9

Muummee Nama Maraa

Ani kana maraa hubatiisaaf wodhaaneera. Nami balcha'aa fi qaroon, hujiin isaaniille harka Waaqaa keessa jirti; wonni isaan eeggatu, jaalala yookiin jibba akka te'e, nami beeku hin jiru. Nami balcha'aa fi hamaan, nami dansa'aa fi badaan, qulqullichii fi battichi, ka ciincaa dhikeessuu fi ka hin dhikeessine martinuu hiruma tokko qaban. Nama dansa'aaf akkuma teetu, nama cubbichaafille teeti; worra kakatuuf akkuma teetu, worra kakuu sodaatuufille teeti. Waan biyya lafaa irratti te'u mara keessaa wonni hantuun hiree tokko dhaggatiisa nama maraa ti; irra caala'aayyuu, gadhaan namootaa hammeennaan guutameera; bara jiruu isaanii mara maraattummaan gadhaa isaanii keessa jirti; muummee irratti gara du'aa deeman. Nami odduu worra jiraata'aa jiru ammoo addii qaba; neenqa du'ee mannaa, saree jirtu woyya. Worri jiru akka du'anu hin beekan; worri du'e ammoo waan tokkooyyuu hin beekanu; gatii hin qabaatanu; dabarsiin isaaniituu hin dedhanti. Jaalalli isaanii, jibbaa fi hinaaffaan isaanii eega baddee turteerti; waan biyya lafaa irratti te'u keessatti isaan ijjumaa qooda hin qabanu. Wonni ati amma gootu Waaqa duratti fudhatama waan qadduuf, dhaqiitii sagalee teeti gammadaan nyaadhu; daadhii woyni'ii teetille gadhaa gammadaatiin uni. Yennaa mara woyaa adii uffadhu; mataa keetille zayitii ejersaa dibadhu. Jiruu teetii fi biyya lafaa ta irratti eloottu keessatti tun hiree teeti waan teeteef, bara jiru'uu ka bu'aan hin qanne ka Waaqi si'iif kenne kana mara keessatti, niitii teeti ta jaalattu woliin gammadi! Addee worri du'e jiru, ta ati dhaqiisaaf jirtu san hujiin yookiin itti yaadanee wo qopheeffatiis yookiin beekkumsi yookiin qarummaan waan hin jirreef, waan harki keeti hujiisa beeku mara hunna teeti guutu'uun huji!

Ani ammalle waan dhibii biyya lafaa irratti dhagge: worri akka malee rukkisu yennaa mara hin injifatu yookiin loltooti jajjabbaan lola hin injifattu yookiin qaroon sagalee hin qabu yookiin beekaan durummaa hin qabu yookiin worri dandeettii qabu hin leellifamu; yenna'aa fi hireen ammoo isaan mara irratti hin teeti. Nami hiree isaa badduun yoom akka itti dhuttu hin beeku; akkuma qurxummiin caccoo hantuu seentee qabantu, akkuma sinbirreen ribboo jala seentu, ilmaan namaalle yennaa hantuu dedhuma isaanitti dhuttuun hin qabaman.

Qarummaan Gowwummaa Caalti

Ani ammalle biyya lafaa irratti fakkeenna qarumma'aa ka guddoo natti maadee te'e tokko dhagge: qachaan diqqaan nami diqqaan keessa le'u tokko jiraayyu; mootiin hunnaamessi tokko dhufee lola itti kaasee, kaabii guddoo marsee itti ijaare. Namichi hiyyeessi qaroon qachaa san keessa le'u tokko jiraayyu; inni qarummaa ifiitiin qachaa san hambure. Ammoo namicha hiyyeessa san nami tokkolle hin qaabanne. Maarre ani, «Qarummaan jabeenna caalti» jedhe; ammoo namichi kun hiyyeessa waan te'eef, qarummaan isaa tuffatante; jecha isaalle nami dhage'e hin jiru. Iyya bulchaa gowwoole'eetii mannaa, dubbii qaroon laana dubbatu woyya. Qarummaan meya woraanaa caalti; cubbaalessi tokko ammoo waan dansaa bacaa balleessa.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.