Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Seera Keessa Deebii

Deuteronomy

Introduction from this edition

Kitaaba Seera Keessa Deebii

Seensa

Kitaab Seera Keessa Deebi'ii kolbaan Israa'elii yennaa hedduu goomolee keessa deenteen duuba, biyya Kana'aanotaa seeniisaaf diqquma hafanee, biyya Mo'aabii keessa yennaa turane, dubbii Muuseen itti xiyyeeffatee isaanitti dubbate ka qabateeru.

Kitaaba Seera Keessa Deebi'ii keessatti waan guddoo barbaachisaa te'anee galmeeffamaneeranu keessaa gariin ka asii gad jiranu:

1. Muuseen woggoota afurtama dabarane keessatti marroo waan gugurdoo muummeffamane qaabatiisaan dubbata. Inni goomolee keessatti Waaqi kolbaa attam akka sooresse qaabachiisiisaan, isaan Waaqaaf akka addatamanuu fi qajeelumma'aan akka isaaf ajajamanu isaan yaadachiisa.

2. Muuseen ajajoota kudhan irra deebi'ee, keessattuu marroo ajaja qaraa diidessee dubbataa, kolbaan Mootii Waan Maraa qofa akka waaqonfattu yaadachiisa. Achiin duuba Israa'elooti lafa isaaniif kennamiisaaf waadaa galame keessatti seera adda addaa ka ittiin bultu irra deebi'ee diidessa.

3. Muuseen Gondooroon Waaqi isaan woliin gale ta attamii akka teete isaaniif hiikee, kolbaan Gondooroo tanaaf addatamummaa ifii akka haareffatanu qaabachiisa.

4. Iyaasuun addee Muuse'eetitti sooressa te'ee muudama. Muuseen marroo addatamummaa Waaqaa faarfatee gosa Israa'elii mara eebbiseen duuba, lafa Mo'aabii ta laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jirtutti du'a.

Yaad guddaan kitaaba kanaa Waaqi kolbaa isaaf filatante ta jaalatu akka baasee fi akka eebbise dubbata. Kolbaan eebbi Waaqaa adoo isaan irraa hin hafin akka le'uu dandeettuu fi waan Waaqi isaaniif godhe duudii qaabataa yennaa mara Waaqa akka jaalattuu fi isaaf akka ajajantu isaan yaadachiisa.

Kitaaba kana keessatti laakkossi Yaada guddaa qabu 6:4-6 irra ka jiranu ka Yesuus: Ajajoota mara keessaa ka caalu, «Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin jaaladhu» jedhee dubbate ka qabateeru.

Haadhoo Dubbi'ii

Dubbii Muuse'ee Ta Qaraa

Dubbii Muuse'ee Ta lammeesso'oo

Ajajoota kudhan

Seera, Seera ittiin Bulmaataatii fi ifi eeggachiisa

Qajeelfama biyya Kana'aanii Seeniisaaf kenname

Haareffamiisa Gondooro'oo

Dubbii Muuse'ee Ta dhumaa

Du'a Muuse'ee

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.