Hujii Ergantootaa
Acts
Introduction from this edition
Hujii Ergantootaa
Seensa
Kitaab Hujii Ergantootaa Wongeela Luqaasiititti ka aaneeru; yaad guddaan kitaaba kanaa, hordofattooti Yesuusii ta qaraa Ayyaana Woyyichaan sooreffamanee Oduu Gammadaa ta waan isaa dubbatu «Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'atti, haga muummee lafaalle» (1:8) attam akka badhisane ka himu. Kitaab kun dhugeeffannaan Kiristaanaa odduu worra Yihudootaatitti jalqabantee, kolbaan biyya lafaa ta dhugeeffatte haga teetutti attam akka badhatte dabarsii hintu. Barreessaan kitaaba kanaa, Kiristaanoti mootummaa mootii mootota Rooma'aatiin bultu qoxxisiisaaf keessa keessa roorrisaa akka hin jirree fi dhugeeffannaan kiristaanaa, dhugeeffannaa worra Yihudootaa ta mijeessitu akka teete hubachiisiisaaf wodhaansa jabaa tolcheera.
Kitaab hujii Ergantootaa, ka marroo Oduu Gammadaa dubbatu, addee isiin dhaqqaddu yennuma yenna'aan badhataa akka deentee fi hundeeffamiisa wolde'a kiristaanaa ta mudhittu kutaa gugurdoo saditti qoodamuu dande'a:
1. Yesuus gara ol gubba'aa bayeen duuba, Yerusaalem keessatti marroo jalqabama dhugeeffannaa kiristaanaa.
2. Marroo dhugeeffannaan lafa Israa'elii duudii dhaqqabiisaa.
3. Biyyoota adaala abbaayaa Mediteraaniya'aa jirtu keessatti, biyya Rooma'aalle dabalatee, marroo babadhatiisa dhugeeffannaa kiristaanaa.
Hujii Ergantootaa keessatti wonni ifa te'ee mudhatu, hujii Ayyaana Woyyichaa yoo teetu, guyyaa Pheenxeqosxe'ee, kiristaana Yerusaalem keessa jiru irratti Ayyaanni Woyyichi hunnaan akka bu'e, akkasuma kitaabuma kana keessatti hujii tokko lama'aan barreeffanteen akkuma mudhate, Ayyaanni Woyyichi wolde'a kiristaanaatii fi sooreyyii wolde'a kiristaanaalle akka sooressee jajjabeesse hin dabalata. Ergaan kiristaanaa ta durii, lallaba adda addaa keessatti gabaabumatti dhikaatteerti. Hujiin kitaaba hujii ergantootaa keessatti galmeeffantelle, ergaan tun jiruu dhugeeffattootaatii fi tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessatti hunna qaddu mudhitti.
Haadhoo Dubbi'ii
Dhugaa bayiisaaf qophowiisa
Waada'aa fi ajaja Yesuusii ka muummee irraa
Ka addee Yihuda'aa bu'e
Dhugaa baya Yerusaalem keessaa
Dhugaa baya Yihuda'aa fi Samaariyaa keessaa
Tajaajila ergamummaa Phawuloosii
Deemiisa ergamumma'aa ka qaraa
Yaa'ii Yerusaalem keessaa
Deemiisa ergamumma'aa ka lammeesso'oo
Deemiisa ergamumma'aa ka sadeesso'oo
Hidhama Phawuloos Yerusaalem, Qiisaariya'aa fi Roomaa keessatti hidhame
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.