2 Moototaa
2 Kings
Introduction from this edition
Kitaaba Moototaa Ka Lammeesso'oo
Seensa
Kitaab moototaa ka lammeesso'oo addee dabarsii kitaab moototaa ka qaraa itti dhaabbachiise irraa jalqabee marroo mootummoota lama ta Israa'elootaa dubbata. Kitaab kun kutaa lamatti qoodamuu dande'a.
1. Dabarsii mootummoota lamaa ta dhaloota Kiristoosiitiin duraa, wodhakkaa jaarraa sagaleesso'ootii jalqabee, haga jinnana Samaariya'aatii fi haga dhuma mootummaa kaabaa ta dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba torbaa fi diddamii lama keessaa dubbata.
2. Dabarsii mootummaa Yihuda'aa ta jinnana mootummaa Israa'eliitiin jalqaddee, haga mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaa keessatti Yerusaalem qabatee balleessee dubbata.
Kitaab kun Gadaaliyaan bulchiisa Baabilonii jalatti bulchaa biyya Yihuda'aa akka te'ee fi mootichi Yihuda'aa Yo'aakin Baabilon keessatti mana hidha'aa keessaa akka baye himiisaan buufata.
Moototi, kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa Waaqaaf addatamummaa waan dhabaneef, badiin tun biyyatti dhutte. Badiis Yerusaalemiitii fi booji'amiis kolbaa hedduu Yihuda'aa jijjiirama guddaa dabarsii Israa'elootaa ti.
Kitaaba Moototaa ka lammeesso'oo keessatti raagichi beekkame ka addee Eliyaasii bu'e Elsaa'i.
Haadhoo Dubbi'ii
Mootummaa Qoqoodante
Raagicha Elsaa'i
Mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii
Jinnana Samaariya'aa
Mootummaa Yihuda'aa
Hisqiyaas Irraa Jalqabee Haga Yosiyaasii
Bulchiisa Yosiyaasii
Mootota Yihuda'aa Ta Dhuma Irraa
Jinnana Yerusaalemii
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.