Skip to content
BibleKenya

2 Worra Qorontoosii

2 Corinthians

Introduction from this edition

Ergaa Phawuloos

Gara Worra Qorontoosii Erge

Ta Lammeesso'oo

Seensa

Ergaan Phawuloosii ta lammeesso'oo, qunnamtiin inni wolde'a kiristaana Qorontoosii woliin qabu yennaa rakkittii teetetti barreeffante. Miseensoti wolde'a kiristaanaa gariin Phawuloos guddoo miidhanulle, inni ammoo halchaa guddoo araaraaf akka qabu mudhisaa, tun yennaa teetutti gammadi guddaan akka itti dhage'amu ifa tolchee hima.

Phawuloos kutaa ergaa tanaa ta qaraa keessatti qunnamtii ifii ta wolde'a kiristaana Qorontoosii woliin qabu beessisaa, arrabaa fi mormii wolde'a kiristaanaa keessatti kaateef deebii jajjadduu maaf akka deebise ifa tolchee hima. Yaaduma kana woliin qassiise xixichi isaa, akka isaan cubbuu irraa deebi'anuu fi gara araaraa akka dacha'anu waan godheef, gammada itti dhage'ame isaanitti mudhisa. Itti aanseelle kiristaana lafa Yihuda'aa qarqaariisaaf arjoomaan akka wo kennanu isaan yaadachiisa. Foorota dhumaa keessatti Phawuloos himannaa ergamaa te'iisa isaa irratti dhikaateef waan falmatu kenna. Sababille wolde'a kiristaana Qorontoosii keessatti worri gariin ergantoota dhugaameyyii ifi godhanee, Phawuloosiin ammoo ergamaa dharaamessa jedhaa himatiisatti jiraniiyyu.

Haadhoo Dubbi'ii

Seensa

Phawuloosii fi wolde'a kiristaana Qorontoosii

Qarqaarsa wolde'a kiristaana lafa Yihuda'aatiif

Falmata Phawuloos ergamaa te'iisa ifiitiif dhikeeffate

Yaada buufataa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.