Kitaaba Woyyuu
1 Worra Tasalonqe'ee 4
Jiruu Waaqa Gammachiittu
Muummee irratti, obboleeyyan tiyya, Waaqa gammachiisiisaaf attam akka leetanu nu irraa barattaneertan. Ammaa tana dhugumaan akka san le'iisatti jirtan; tana caalaalle akka gootanu, maqaa Goottaa Yesuusiitiin isin gaafataa isin gorsina. Nuuti baallii Goottaa Yesuusiitiin ajaja isinii kennine hin beettan. Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha. Nami duudiin haadha manaa1 woyyumma'aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. Akka worra Yihudoota hin te'inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin. Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba. Waaqi woyyumma'aan akka leenu malee, akka battumma'aan leenuuf nu hin waanne. Tanaaf, nami barsiisa kana tuffatu, nama adoo hin te'in, Waaqa Ayyaana Woyyicha ifii isiniif kennu tuffata.
Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreessiisa hin barbaachisu. Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina. Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le'iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha'a. Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.
Dhufa Gootta'aa
Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du'ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna. Yesuus du'ee, du'a keessaa akka ka'e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du'e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna. Akka barsiisa Gootta'aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi'ee dhufu adoo hin du'in jirru, worra du'eeru hin dursinu. Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a; achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.2 Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa'a.
Source notes (2)
- Footnote Haadha manaa: Nafa ifii
- Cross-reference 1 Qor. 15:51-52
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.