1 Ergaa Pheexroosii
1 Peter
Introduction from this edition
Ergaa Pheexroos Erge
Ta qaraa
Seensa
Ergaan Pheexroosii ta qaraa Kiristaanota ergaa tana keessatti, «Kolbaa Waaqaaf fowante» jedhamanu, ka biyya Asiyaa diqqittii gara kaabaa keessatti bittinnowaneef barreeffante. Yaadi guddaan ergaa tanaa, worra isii dubbifatu ka sababa dhugeeffanna'aatiif miidha'aa fi rakkoon irra geette jajjabeessiisa. Barreessaan Oduu Gammadaa ta Yesuus Kiristoosii, ta du'a isaa, du'aa ka'a isaatii fi waadaa deebi'ee dhufiisa isaa hintu akka qaabatanu godhiisaan isaan jajjabeessa. Inni akka isaan fakkeenna jireenna Yesuus Kiristoosii ilaaliisaan, rakkoo ossataan fudhatanu yaadachiisa; kanumatti aansee, rakkinni qulqullinna dhugeeffannaa isaanii akka haga ilaaluu fi «Guyyaa Yesuus Kiristoos mudhatu» gatii isaaniif malte akka fudhatanu hubachiisa.
Barreessaan rakkinna keessatti isaan jajjabeessiisa biratti, worri Kiristoos hordofu akka le'uu maletti akka le'anu worra dubbifatu yaadachiisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa
Yaadannoo fayyisiisa Waaqaa
Woyyumma'aan le'iisaaf gorsa kenname
Yennaa rakko'oo waan Kiristaana irraa eeggatamu
Ifi gad qabiisaa fi tajaajila Kiristaanaa
Yaada buufataa
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.