Skip to content
BibleKenya

1 Worra Qorontoosii

1 Corinthians

Introduction from this edition

Ergaa Phawuloos

Gara Worra Qorontoosii Erge

Ta Qaraa

Seensa

Ergaan Phawuloos gara Worra Qorontoosii erge ta qaraa wolde'a kiristaanaa ka Phawuloos lafa Qorontoosiititti ijaare keessatti dhugeeffannaa'aa fi jiruu kiristaanaa irratti rakkoo kaateef fala kenniisaaf ta barreeffante. Yennaa san Qorontoos qachaa Giriikii ka addunyaa maraati; lafa Akaayaa jedhantu ta bulchiinsa Rooma'aa jala jirtuufille qachaa guddicha. Qachaan kun guddinna daldalaatiin, guddinna aada'aatiin, amala badaa babadhatiisatti jiruu fi bacatiisa dhugeeffanna'aatiin ka beekkame.

Ergamaan keessattuu marroo gargar bayiisaa fi jireenna amala bada'aa ka wolde'a kiristaanaa keessa jiruu, marroo sagaagalaa fi fuudhaa heerumaa, marroo yaada wodana'aa, marroo seera wolde'a kiristaanaa, marroo kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi du'aa ka'iisaa irratti xiyyeeffata. Inni hubantii guddo'oon, deebii Oduun Gammadaa gaaffii tanaaf kennitu mudhisa.

Foorri kudha sadeesso'oo ka kennansa Waaqi kolbaa ifiitiif kenne keessaa jaalalli ka caalu akka te'e mudhisu, kitaaba kana keessatti addee akka malee beekkante akka teeteetitti yaadatama.

Haadhoo Dubbi'ii

Seensa

Gargar bayiisa wolde'a kiristaanaa keessatti ka'e

Sagaagalumma'aa fi Wol Himatiisa

Fuudhaa fi Heeruma Kiristaanaa

Kiristaanotaa fi worra Kiristaanota hin te'in

Le'ii wolde'a Kiristaanaatii fi waaqonfannaa

Du'aa ka'iisa Kiristoosiitii fi kiristaanaa

Kennansa Kiristaanota lafa Yihuda'aatiif dhikaate

Haajaa isaatii fi yaada buufataa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.