Skip to content
BibleKenya

1 Dabarsi'i

1 Chronicles

Introduction from this edition

Kitaaba Dabarsi'ii Ka Qaraa

Seensa

Kitaaboti dabarsi'ii waan kitaabota Saamu'eliitii fi kitaabota Moototaa keessatti barreeffameeru, haala adda te'een itti deebi'anee himan. Kitaabota dabarsi'ii keessatti mootummaa moototaa ta Israa'elii ilaalchisee yaada gugurdaa lamatti barreeffameera. 1. Mootummaa Israa'eliitii fi mootummaa Yihuda'aa balaan itti bu'ulle, Waaqi waadaa kolbaa ifiitiif gale eegaa akka turee fi karaa kolbaa Yihudaa keessa leetuutiin karoora kolbaa ifiitiif qabu hujii irra akka oolche mudhisa. Barreessaan tana mirkaneessiisaaf hujii gugurdoo Daawitii fi Solomoon hujane, haareffama Iyoosaafix, Hisqiyaasii fi Yosiyaas godhanee fi kolbaa jabaattee Waaqaaf addatante irratti xiyyeeffata. 2. Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaatitti Waaqa waaqonfatiis attam akka jalqabame, keessattuu aadaan dhugeeffanna'aa ta waaqonfatiisaa ta dhaaba hayyootaatii fi Lewwootaa attam akka ijaarante hubachiisa. Galma Waaqaa ka ijaare Solomoon te'ulle, hundee Galma Waaqaatii fi aadaa dhugeeffanna'aa ta waaqonfatiisaa ka hundeesse Daawiti akka te'e hima.

Haadhoo Dubbi'ii

Sanyii Addaamii ta haga mooticha Saa'olii

Du'a Saa'olii

Bulchiinsa Daawitii

Rakko'oo fi Hujii

Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.